Godina baha Harargee bulchinsa magaalaa Haramaayaa uummata nagaa humnaan ol dararaa itti hammeessanii jiru.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Godina baha Harargee bulchinsa magaalaa Haramaayaa araddaa Baatee magaalaa xiqqaa Xinniqqee keessatti dargaggoo Oromoo guuranii hidhaatti darbuun gara adda waraanaatti erga kan jiran yoo ta’u dargaggoo tokko kan maqaan isaa Aanaa Xahaa jedhamuu qabanii hidhuun adda waraanaatti erguuf yoo jedhan maatiin qarshii 5000n kaffaluun harka diinaatii baasee jira.
Namoota guuranii mana hidhaatti walitti qaban kana halkan halkan fe’anii deemuun mooraa leenjiitti geessaa jiru.
Kana malees namoota mana hidhaa keessa tursiisuun dhukkubsatan yaala dhorkachuun dararaa jiru.
Nama Maamaa Maadii Mummee jedhamu dhukkubsatee maatiin mana yaalaa geessuuf gaafatus waraanni bilxiginnaa eeyyama dhorkatee jira.
Waxaabajjii 8,2022 dargaggoota mana hidhaa turan keessaa muraasni mana hidhaa sana cabsanii kan ba’anii badan yoo ta’uu aarii namoota jalaa badeen uummata nagaa ganda guutuu guuranii xiqqaa fi guddaa osoo hin jedhin rakkisaa turan.
Yeroo ammaa godina baha Harargee bulchinsaa magaalaa Haramaayaa fi gandoota baadiyaa cufa keessatti uummata Oromoo sababoota garaagaraa uumuun dararaa hamaa irraan ga’aa akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

