Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Hoomoonaaddaa keessatti saamichi maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin geggeeffamu hawaasa irratti jabaate  

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Murni faashistii PP mooraa waraanaa dhaabbataan alatti aanaalee fi godinaaleen osoo hin hafne qonnaan bultoota humnaan qabee leenjii waraanummaatti bobbaasuun miindaa fi waan nyaachisu dhabee uummata irraa maallaqa guuraa jira.

Akka kanaanis Godina Jimmaa aanaa Hoomoonaaddaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa sirnicha utubuuf bobbaafaman maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattiin nama tokkotti qarshii 4000 hanga 15,000tti ramaduun dirqamaan akka kafalan taasisaa jiru.

Kana malees aanicha keessaa dargaggoota humnaan qabanii gara leenjiitti ergaa fi namoota gaaffii kaasan ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun hidhaa akka jiranis barameera.

Oduma wal fakkaatuun godina Lixa Harargee aanaa Doobbaa keessattis dararaan lukkeeleen sirnichaa uummata nagaa irratti raawwatan hammaatee kan jiruu fi namootni akka itti gaafatamaa dhimma nageenyaa aanichaa obbo Abdurrazaaq Abbabaa namoota nagaa adamsanii hidhaa jiru kan jedhan maddeen, haala kanaanis ilmaan Oromoo akka Abdallaa Mahaammad Umar yakka tokko malee mana hidhaatti ugguramanii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version