ONM-ABO Muddee 19, 2023
Kirkira lafaa kaaba dhiha Chaayinaatti osoo namootni hedduun rafaa jiranii mudateen lubbuun namoota 100 ol darbeera.
Kirkirri lafaa kun akka dhaabbati oduu mootummaa Jiinuwaan jedhutti reektor iskeelii 6.2n kan safarame yoo ta’u naannoo daangaa Qingihayi Gaansuutti halkan walakkaa mudachuun miidhaa guddaa geessisuu isaa miidiyaaleen mootummaa Kibxata har’aa gabaasaniiru.
Raafamni kun hanga bulchiinsa Shaanxii kaabaa Jii’anitti argamutti kan dhaga’ame yoo ta’u, giddugala balaan kun itti dhaga’ame irraa gara kiiloo meetira 570 fagaatee argama.
Aangawoonni bulchiinsa Gansuu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, hanga sa’aatii 7:50 am (23:50 GMT Wiixataatti ) namoonni 105 du’uun, 397 ammoo madaa’uun mirkanaa’eera. Manneen 4,700 ol miidhaan irra gaheera jedhan. Gandoota tokko tokkotti dhiyeessiin humna ibsaa fi bishaanii addaan citee akka ture Jiinuwaan beeksiseera.
Akka CCTV’n ibsutti, Qingihayi magaalaa Hayidong keessattis yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamaniiru. Hayidong magaalaa guddoo Bulchiinsa Gansuu, Lanzihoyu irraa gara kibba dhihaatti gara 100km fagaattee giddugala balaa kanaatti dhiyaattee argamti.
Namoonni bakka giddugala balaan kun itti dhagahamutti dhihoo jiraatan kirkirri lafaa kun waan itti dhaga’ameef fiigaa gara daandiitti ba’uu fi gamoon tokko tokkos jijjiguun barameera.
Hojiin baraarsaa hojjetamaa kan ture yoo ta’u, Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping hojii barbaachaa fi gargaarsaa irratti “tattaaffiin hunda caalu” akka godhamu gaafataniiru. Namoonni ibidda dhaamsan gara 1,500 kan bobbaafaman yoo ta’u, kanneen biroo 1,500 ammoo eeggannoon akka jiran miidiyaaleen mootummaa ni mul’isu. Qondaaltonni fi loltoonni 300 ol ta’anis gargaarsa balaa kanaaf socho’aniiru.
Gabaasaaleen booda irra ba’aa jiran namootni 111 du’uu fi 230 madaa’uu mul’isu.
Chaayinaa keessatti kirkirri lafaa waan hin baramne miti.
Adoolessa bara 2022 keessa kirkirri lafaa humna 6.6 qabu bulchiinsa Sichuyaan rukuteen namoonni 100tti siqan du’aniiru.
Kirkirri lafaa 7.9 bara 2008 Sichuyaan keessatti mudateen daa’imman 5,335 yeroo kirkirri lafaa kun mudate mana barumsaa turan dabalatee namoonni 87,000 ol du’aniiru.
Seenaa Chaayinaa keessatti balaa uumamaa hamaa ta’een bara 1976 kirkirri lafaa Taangishaan mudateen yoo xiqqaate namoonni 242,000 du’aniiru jechuun gabaasni Aljazeeraa fi midiyaaleen biroon ganama har’aa qabatanii ba’an ni addeessa.

