ONM-ABO Mudde 20, 2023
Raashiyaan waliigaltee ittisaa haaraa Ameerikaan naannoo daangaa dheeraa miseensi NATO haaraan kun Raashiyaa waliin qabdu bal’inaan akka fayyadamtu taasisu mormuuf Kibxata kaleessaa ambaasaaddara Fiinlaand waamuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii Kibxata kaleessaa ibseera.
Ambaasaaddarichi Moskoon “dandeettii waraanaa NATO’n daangaa keenya irratti walitti qabamuu nageenya Federeeshinii Raashiyaa balaadhaaf saaxiluu waan danda’uuf deebii laattu malee akka hin dhiisne ibsuun murteewwan ciccimoo Fiinlaandi fi michoota ishee NATO qolachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an akka fudhattu” itti himuu dubbi himtuun Maariyaa Zakiharova ibsa kennaniin addeessaniiru.
Erga Raashiyaan duula waraanaa Guraandhala 2022 Yukireen irratti bantee Fiinlaand bara kana miseensa haaraa gamtaa waraanaa NATO U.S.n durfamu taatee jirti.
Waliigalteen Wiixata dheengaddaa Ameerikaa waliin taasifame, yoo waldhabdeen uumame waraanni US saffisaan gara Fiinlaandi akka seenu fi gargaarsa akka argattu taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu qondaaltonni labsa waliigalteen dura himaniiru.
Waliigaltichi Fiinlaandi keessatti bakkeewwan fi naannoowwan waraanni U.S. gufuu tokko malee itti seenu fi meeshaalee waraanaa fi rasaasas itti kuusuu danda’u 15 kan tarreeffame yoo ta’u, kunis buufataalee qilleensaa afur fi buufata waraanaa dabalata.
U.S. biyyoota baha Awurooppaa hedduu waliin waliigaltee walfakkaatu qabdi.
Kireemliin Jimaata darbe akka jettetti waliigalteen kun ”balaa ifa ta’e nutti ta’a”, akkasumas Helsinki waliin waldhabdeetti akka seennu taasisa jechuu Rooyiters gabaasee jira.

