ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Roobii kaleessaa akka akeekkachiisetti, NATO’n daangaa biyyattii irratti sochii waraanaa dabaluun isaa deebii malee akka hin hafne ibsite.
Itti aanaan dubbi himaan ministeerichaa Andiree Nastaasiin ibsa gaazexeessitootaaf Moskootti kennaniin, “Raashiyaan ijaarsa waraanaa NATO daangaa keenya irratti uumame deebii malee akka hin dhiifne qofan mirkaneessuu danda’a,” jedhan.
Paarlaamaan Finlaand waliigaltee ittisaa Ameerikaan buufata waraanaa 15 Finlaand keessa akka seentu hayyamu raggaasisuu isaa kaasuun, NATO’n daangaa Raashiyaa irratti argamuun waraana isaa cimsaa jira jedhan.
“Miseensonni NATO dhimmoota naannoo irratti mala mataa isaanii qopheessuuf yaalaa jiru. Haalli NATO kun yeroo baayyee bu’aa balaa geessiseera.”
Nastasiyin US fi michoonni ishee Awurooppaa haala Yukireen keessa jirutti akka hin quufnee fi biyyoota ollaa keessatti jeequmsa uumuuf yaalii gochaa jiru jechuun himataniiru.
”Armeeniyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessaa jiru, damee ittisa biyya kanaa deebisanii ijaaruu fi mala nageenyaa Dhaabbata Waliigaltee Nageenyaa Waliinii (CSTO) keessatti mul’atu diiguu yaalaa jiru,” jedhan.
“Yeroo wal fakkaatutti Baakuu irratti dhiibbaa uumuuf yaalaa jiru. Kun ammoo waldhabdee Azarbaajaanii fi Armeeniyaa gidduu jiru ni dabala, marii biyyoota lamaan gidduutti taasifamu irratti dhiibbaa hamaa qaba, akkasumas dorgommii hidhannoo naannichatti kakaasa” jedhan.
Nastasiyin malli kun naannoo Kibba Kaakaas qoqqooduuf kan kaayyeffate yoo ta’u, bu’aa diigumsaa fiduu akka danda’u himeera. Nageenyi fi tasgabbiin Kaakaas Kibbaa biyyoota naannicha keessa jiraniin mirkanaa’uu qaba jechuun sochii NATO’n gochaa jiru komachuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

