Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Biyyoonni Lixaa Yukireeniif meeshaa dhiheessinaan nutis biyyoota warra lixaa haleelan hidhachiifna jedhan puutiin

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Kora Diinagdee Idiladdunyaa Saint Petersburg keessatti gaggeeffamerratti wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan, biyyoonni Lixaa Yukireeniif meeshaalee waraanaa dhiheessuu irratti ejjennoo qaban ibsaniiru.

Biyyi isaanii tarkaanfii warra Lixaaf waan deebii ta’u qopheeffachuu kan himan Putiin, ”Maandhee warra Lixaa akka haleelaniif nutis biyyoota kaan ni hidhachiifna,” jechuun akeekkachiisan.

Pirezidantiin Puutin biyyoonni Lixaa misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu Yukireeniif kennuu osoo qeeqanii, ofii ammoo biyyoota warra Lixaa waraana akka hidhachiisan kakatan.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa hedduun, Yukireen daangaa ishee keessatti humnoota Raashiyaa haleeluuf meeshaa waraanaa isaanii akka fayyadamtu heyyamaniiru.

Gochi akkanaa ”rakkoo hamaa fi isa kana caalutti nu geessa,” jechuun gaazexeessitoota biyyoota alaatti himan Putiin.

”Adda waraanaa irratti kanneen nuun lolaniif meeshaa waraanaa dhiheessuun daangaan keenya sarbamee akka rakkoo keessa seennu kan hojjetu yoo jiraate, nutis akkas gochuu waanti nu dhowwu hin jiru. Biyyoonni gocha kana raawwatan maandheen isaanii akka haleelamu gochuu maaliif hin dandeenyu?” jedhan Putiin.

”Dubbiin akkanaan, deebii kennamu madaalawaa ta’a. Kanarratti itti yaadna.”

Pirezidant Puutiin biyyi isaanii biyyoota kamiif meeshaa waraanaa akka dhiheessitu adda baasanii hin dubbanne.

As keessatti garuu Jarmanii adda baasanii maqaa eeraniiru. Jarmaniin misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu kan oomisha biyyashee ta’etti akka fayyadamtu Yukireeniif eeyyamteetti.

Yukireen keessa iddoo humnoonni Raashiyaa qabatanii jiran hunda meeshaa kanaan akka haleeluu dandeessu Yukireeniif heyyamteetti Jarmaniin.

”Humna daangaa Raashiyaa irra jiru haleeluuf misaa’eloota dabalataa hedduu ergina wayita jedhan, kun hariiroo Jarmanii fi Raashiyaa akka balleessu itti yaaduu qabu,” jedhan Puutiin.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidanis, Yukireen meeshaalee waraanaa Ameerikaan dhiheessiteef gargaaramuun daangaashee keessatti iddoowwan humnoonni Raashiyaa qabatanii jiran akka haleeluu dandeessu heyyamaniiruuf.

Garuu naannawa Karkiiv keessatti qofa akka fayyadamtu akeekkachiisan.

Ameerikaan meeshaan waraanaa (misaa’elli) ishee fageenya dheeraa furguggifamu- ATACMS dachee Raashiyaa irratti haleellaa akka raawwatu hin heyyamne.

Seenaatarri US fi qondaalli biyyoota Lixaa tokko Roobii dheengaddaa Asoocheetid Pireesitti akka himanitti Yukireen meeshaalee waraanaa US kenniteef fayyadamuun humnoota Raashiyaa daangaa ishee keessa qubatanii jiran haleeluu eegalteetti.

Waraanni cimaan kaaba-Baha naannoo Karkiivitti hammaateera. Magaalaan Karkiiv magaalaa guddoo biyyattii Kiivitti aanuun guddinaan lammaffaadha. Daangaarraa kiilomeetira 30 qofa fagaatti.

Ministirri Dhimma Alaa UK Loordi Kaameeruun meeshaalee waraanaa biyyi isaanii Yukireeniif kennite fayyadamuu fi dhiisuu kan murteessu Yukireen mataasheeti jedhan.

Ammoo Yukireen humnoota Raashiyaa biyya ishee keessa jiran hunda haleeluuf mirga guutuu akka qabdu dubbatan.

Yukireen akka jettutti humnoonni Raashiyaa misaa’ela Kooriyaa Kaabaatiin daangaa Yukireen ce’anii haleellaa gaggeessaa jiru.

Qaamoleen tikaa biyyoota Lixaa ammoo Raashiyaan dirooniiwwan Iraan fayyadamuu ibsan.

Pirezidant Puutiin biyyoonni Lixaa Raashiyaan goonkumaa meeshaalee niwukilaraa hin fayyadamtu jedhanii yaaduun isaanii dogoggora jedhan.

”Sababa isaa hin beeku, garuu warri Lixaa Raashiyaan tasuma meeshaa waraanaa niwukilaraa hin fayyadamtu jedhanii yaadu,” jedhan Puutiin.

”Akkaataa itti fayyadama niwukilaraa irratti qajeeltoo sirrii fi ittiin taliigamnu qabna. Ilaali waan inni jedhu, gochi birmadummaa biyya keenyaa yaaddoo keessa galchu yoo jiraate humna qabnu hunda fayyadamuun of irraa qolanna jedha,” jechuun ejjennoo niwukilara fayyadamuurratti qaban ibsan.

”Kun waan salphifamee ilaalamu miti. Xiyyeeffannaan ilaaluu gaafata.”

 Putiin biyyi isaanii daangaa Nato’n keessa jiru haleeluuf karoora qabdi jedhamee kan odeeffamus waakkataniiru.

”Raashiyaan diinummaa akka horattu gochuu hin qabdu. Kana gochuun ofuma miita, beektee?,” jedhan Putiin.

”Raashiyaan akka Nato haleeltu kan fedhan jiru. Maraanneerraa kan kana goonu? Eenyutu yaada kana qabatee dhufa? Kun waan hiika hin qabneedha,” jedhan jechuun Rooyitars gabaaseera.

Exit mobile version