Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yukireen meeshaalee USn Raashiyaa akka haleeltu Baayidan hayyaman

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024 

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yukireen meeshaa Ameerikaa irraa argatteen iddoolee filatamoo Raashiyaa akka haleeltu hayyaman.

Iddoo hayyamni kennameef adda kan bahe yoo naannoo Karkiiv qofa akka ta’e qondaaltotni himaniiru.

Gareen waraanaa Yukireen tokko meeshaalee US irraa arjoomameen iddoowwan Raashiyaa irratti xiyyeefataman hanga ta’e irratti ”haleellaan ofirraa faccisuu” ykn humna Raashiyaa isaan haleelu deebisanii haleeluu ykn kan isa isaan haleeluuf qophaaye dursee haleeluu akka danda’u” ajajni kennamuu BBC’ttu himeera.

Qondaalli US tokko yaada BBC’f kenneen fayyadama meeshaa Army Tactical Missile System [ATACMS] jedhamu dachee Raashiyaa keessatti fayyadamuu dhabuurratti wanti jijjiirame hin jiru jedhan.

Ammoo Yukireen xiyyaara waraanaa Raashiyaa isaan haleeluuf qajeele achuma Raashiyaa keessatti kuffisuu hin dandeessan jedhamanii akka  hin beekne qondaalli US’tti dhiyaatu tokko himeera.

Humnoonni Raashiyaa yeroo dhiyoo keessa naannoo Karkiiv keessatti haleellaa tasaa eegalan hordofee bakka hedduu to’achaa jiru.

Biyyoonni michuu US ta’an hedduun Yukireen deggarsa meeshaalee argatte fayyadamuun daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamuuf mallattoo agarsiisaa jiru.

Biyyoonni kun deeggarsa meeshaalee kennaniin Yukireen daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamuuf fedha agarsiisun isaanii haleellaan Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessitu jabaataa dhufuu hordofeeti.

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu, keessumaa “biyyoonni xixiqqoon Awurooppaa” akka gaabban akeekkachiisan.

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan, haala dirree waraanaa irratti hundaa’uun ejjannoon Washingtan keessa deebi’amee akka ilaalamu ibsanii turan.

Yeroo ammaa wal-gahii ministeerota dhimma alaa biyyoota NATO ta’anii gaggeeffamu irratti hirmaachuuf Cheek Rippaabilik, magaala Piraagitti argamu.

Dubbi himaa Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus kan ta’an Joon Kirbii Kamsii, Caamsaa 30, 2024 ibsa akka kennanitti deeggarsi US Yukireeniif taasiftu dabalaa dhufuu himanii, garuu ammatti tarsiimoon US akka hin jijjiiramne beeksisan.

Yukireen karaa bahaan haleellaa Raashiyaa dandamachuu dadhabdee duubatti foqoqaa jirti; karaa Kaabaanis magaalaa guddinaan lammaffaa taate, Kaarkiv guyyaa guyyaan misaa’ela Raashiyaatiin haleelamaa jirti.

Torbee kana pirezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakron Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota Lixaatiin daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamamuufii akka qabu dubbatanii turan.

Antoonii Biliinkanis Cheeck Rippaalikirraa ibsa kennaniin US haala dirree waraanaa jiru irratti hundaa’uun “ejjannoo ishee deebistee ni ilaalti” jedhan.

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon yeroo hedduu waraana Yukireenitti gaggeeffamaa jiru kallattiin biyyoonni Lixaa akka harka keessa galfatan yaada dhiyeessaa turan. biyyoonni Lixaa kaan garuu yaada liqimsuun itti ulfaate.

Torbee darbe ammoo gaggeessaan NATO Jeens Istoltenbarg biyyoonni Lixaa Yukireen buufataalee waraanaa Raashiyaa keessatti argaman akka haleeltuuf meeshaalee waraanaa isaanii akka fayyadamtu hayyamuufii qabu jechuun the Economistitti dubbatan.

Ministiirri Dhimma Alaa UK Loord Kaameruun ji’a kana gara jalqabaa, Yukireen meeshaalee waraanaa UK irraa argatte akka barbaaddetti itti fayyadamuun murtee ishee ta’uu dubbatanii ture. Torbee kanammoo  Ittaanaa Ministeera Ittisaa Pooland, Yukireen meeshaalee waraanaa Pooland irraa argatte akka isheedhaa mijatetti itti fayyadamuu dandeessi jedhan.

Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin biyyoonni Lixaa akkaataa itti fayyadama meeshaalee waraanaa isaanii irratti daangeffama kaa’uun sirrii miti jedhanii ture jechuun The New York Times Gabaaseera.

Exit mobile version