ONM-ABO Mudde 20, 2023
Kaleessa Muddee 19/2023 waraanni maafi’aa PP aanaa Gidaamii irra qubatee jiru gara aanaa Begii bakka Gabaa Facaasaa ganda Xiilloo keessatti argamu deemuun gabaa irratti dhukaasuun namootni wal caccabsaa qabeenya isaanii gatanii yoo baqatan, dargaggoota milishummaaf qabuun nama tokkos ajjeesanii deeman.
Namni haajaa mataa isaaf gabaa ba’ee ajjeeffame kun obbo Mikaa’eel Cannaqaa Lammessaa jedhama.
Waraanni faashistii PP kun gocha isaa hammeenyaa itti fufuun dheengadda galgala Muddee 18, 2023 galgala gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraanaa bilxiginnaa magaalaa Seertumii erga haleeleen booda, ergamtootni sirnichaa namoota nagaa ajjeesuu fi madeessuun barame.
Namoota waraana Abiy Ahimediin ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Alamuu Ayyaaloo yoo ta’u kan madaa’e ammoo Dassaaleny Mitikkuu ta’uun ifoomeera.
Murni PP magaalaa Muggii keessatti ammoo maqaa deggersa mootummaa fi maallaqa milishaa jedhuun manaa mana irra deemuun maallaqa dirqiin funaanaa akka jiran maddeen gabaasanii jiru.

