ONM-ABO Muddee 27, 2023
Lammiilee nagaa irratti ajjeechaan adeemaa jiru impaayera Itoophiyaa keessatti yaaddoo namoomaa uumee kan jiru yoo ta’u, mirgi ajjeesuu waraanota maafi’aa PPf kennamuun, fedhan qaama hir’uu taasisu gariin ammoo ajjeesuun bineensota bosonaa nyaachisaa jiru.
Haaluma kanaanis Muddee 17, 2023 dargaggoota hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun jiraatan godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkoo irraa waraanni faashistii PP qabuun turtii guyyoota 4 booda baasuun akka ajjeesantu himama.
Namoota ajjeefaman keessaa 4 qaamni isaanii guutummaa guutuutti jijjiiramuun eenyummaan isaanii kan wallaalame yoo ta’u, guyyoota sadiif bakkeetti gatamuun naannoon fooliin baduu irraan Kan ka’e waraanumti ajjeesan akka awwaalan jiraattonni himuun, maqaan namoota du’anis: Miratuu Baashaa, konkolaachiisaa doqdoqqee, Nuuraddiin Caalaa Jiraataa ganda Gaasii bakka qubataa 3ffaa jedhamu irraa, Jamaal Mohammed ganda Gaasii yoo ta’u, namootni 4 ammoo maqaan isaanii hin baramin jiraachuun beekameera.
Yeroo ammaas hidhaa jumlaan jiraattota irratti jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, dhaabbannii fi qaamni walabaa mirgoota namoomaaf falmu haqaan impaayera Itoophiyaa keessaa dhibuun egeree lammiileetiif yaaddeessaa ta’uus Kan hubatameedha jechuun jiraattonni dubbatu.

