Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni maafiyaa PP godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkoo keessatti uummata nagaa irratti dhukaasuun qe’ee irraa buqqaasaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024

Uummata nagaa hiraarsuun gammachuu kan isaaf laatu, Safuu fi ooda uummataa akkasumas saayinsii waraanummaa kan hin kabajne waraanni goolessituu impaayera Itiyoophiyaa goleelee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa dararuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 1, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Bunnoo Beddellee aanaa Makkoo ganda 01 keessatti sababa tokko malee dhukaasa bananiin uummata nagaa shororkeessuun, wayita ammaa uummanni qe’eef qabeenya isaa irratti burjaaja’ee sodaa keessa galuun hedduun isaanii aanaa Deeggaatti baqachaa jiraachuu fi sababa kanaan illee gatiin geejjibaa dachaan dabaluu  maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa kun sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo ganda carii jedhamu keessatti tarkaanfii laalessaa irratti fudhateef jecha uummata meesha-maleeyyii irratti dhukaasa banuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa kanas uummanni bakkichaa haala rakkisaa keessa galanii jiru jechuun, dubartootni ulfaa fi daa’imman xixiqqaa dabalatee maanguddoonni deemuu hin dandeenye danuun salphumatti rakkinatti kufanii jiraachuun beekamee jira.

Exit mobile version