Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti tarkaanfii fudhachuun diina adabe

ONM-ABO Muddee 27, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibba Bahaa kaleessa godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti tarkaanfii fudhatee injifannoon goolabee jira.

Muddee 26, 2023 abdiin uummata Oromoo WBOn godinaa Arsii Bahaa keessa sosso’u Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa xiyyoo ganda Barrichaa iddoo addaa Gaara Cilaaloo jedhamu keessatti waraana maafiyaa PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbatee uummata nagaa hiraarsaa turte haxxee itti hidhuun dhukkee nyaachisee jira.

Korommiiwwan Gaara Cilaaloo kaleessa ergamtoota Abiy Ahimed WBO lolaa jedhamuun meesha harka naqanii bobbaasan olii gadii gugsuun loltoota 20 irraa ajjeesuun 40 madoo dandammii hin qabne adabee meeshaalee hedduu irra hiikuun kaan ammo osoo baqachiisu boolla keessatti gachisiisee gara irra bobbaatetti deebisee jira.

Akka gootichi Waraana Bilisumma Oromoo Gaara Cilaaloo irra jedhutti loltuu PPn bobaaftee hedduun ishee ijoollee dirqiidhaan ergan tan lolaa hin beekne dhukaasni banamnaan du’aa fi wareegamaam baqattee ofi duuba deebite jechuun taatee guyyichaa himu.

Gootichi Kibba Baha Oromiyaa keessa sosso’u tarkaanfii fudhachaa jiruun geggeessitootni bilxiginnaa godina Arsii Bahaa keessa jiran baaraguun raafamaa akka jiranis barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version