ONM-ABO Muddee 10, 2023
Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn godina Arsii bahaa aanaa Asako ganda Biyyootii jedhamu keessatti kaleessa Muddee 9, 2023 cibraan Hambaa Aanoolee waraana PP maqaa sakkattaa WBO jedhun bobbaa’an tarkaanfii haxxeen irratti fudhaten injifannoon boonsaa galmeessee jira.
Korommiiwwan Gaara Cilaaloo warri mooraa diinaatti abidda waraana diinaatti giimii ta’anii gubanii qaammatan rasaasaan akaa’uun baarudaan macheessanii loltoota bilxiginnaa 20 battalatti ajjeesuun 43 ammoo madoon adabuun injifannoo Cululuqaa galmeessanii jiru.
Lollii hangaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti itti fufa !
Injifannoon Uummata Oromoof!

