ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Bahaa godina Lixa Harargee aanaa Hancaar araddaa Diddamaa iddoo Witil jedhamtutti Cibraa Carcar Xirroo kaleessa Onkoleessa 22, 2024 halkan sa’a 10:00tti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhatee jira.
Tarkaanfii WBOn mooraa diinaatti seenuun fudhateen loltoota PP irraa lama ajjeesee afur madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Diinni tarkaanfii kanaan baaraguun jiraattota naannichaan isiniitu WBO nutti waame jechuun ganama kana reebicha hamaa fi hidhatti guuraa turuun barameera.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

