Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Lixa Harargee aanaa Hancaar keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Bitootessa 12, 2024 godina Lixa Harargee aanaa Hancaar naanno bosona Gaara Dindiitti tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhateen humna diina irratti injifannoo galmeessee jira.

Tarkaanfii jajjabeen WBO zoonii bahaa humna diinaa rasaasaan akaa’e kanaan loltoota faashistii PP irraa 16 ajjeefamuun madoon lakkoofsaan hedduu ta’uun barameera.

Lola aanaa Hancaar keessatti WBOn geggeessee kanaan kan rifatte humni bilxiginnaa loltoota ishee kallattii afuriin itti seensisuun akkasumas booda irraanis humna dabalataa galchuun deebisanii haleeluu fayyadamus abdii fi gaaddisni sabaa kutannoon dura dhaabbachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Jeneraal Biraanuu Juulaa waraana keenya dura qaamni dhaabbatu hin jiru jechuun miidiyaa isaaniin lallabanis, WBO kan har’aa dabalatee ajjeesaa, madeessaa fi booji’aa akka jiru ni beekama.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version