Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

TARKAANFII GOOTICHA WARAANA BILISUMMAA OROMOO ZOONII BAHAA

ONM-ABO Bitootessa 30,2025

Godina Lixa Harargee aanaa Hancaarii fi aanaa Daaroo Labuu gidduu araddaa Midhagduu, Caffee Haraa fi araddaa Afurtamaa keessatti har’a Bitootessa 30 tarkaanfii diina irratti fudhateen 19 ajjeessee 13 madeessee jira.

Guyyuma har’aa kana Bitootessa 30 godina Lixa Harargee aanaa Hancaar araddaa Hincinnii iddoo addaa Mataa Elemoo jedhamtutti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa diina maqaa sakattaa jedhuun bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen 28 battalatti ajjeesee 16 madoon adabee jira.

Haaluma kanaan diinni humna goddaan gara magaalaa machaaraa, miicata, gara aanaa Hancaariin magaalaa calalaqaa magaalaa Galamsoo aanaa Asakoo irraa humna guddaan bobbaate jajjabee WBO Zoonii Bahaatiin haleelamuun waliigalatti 47 ajjeesuun 29 madeesseera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version