WBOn zoonii bahaa tarkaanfii fudhateen meeshaalee waraanaa fi konkolaataa diina irraa booji’uu beeksise.
ONM-ABO Sadaasa 7,2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii bahaa godina harargee lixaa aanàa Ciroo araddaa Sheek Aadam keessatti har’a Sadaasa 7, 2022 haleellaa paataroolii diinaa irratti fudhateen 8 battalatti ajjeessee gariin madeessee jira.
Tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti WBOn har’a fudhateen kilaashii AKM 7, bireena turkii 1, hidhannoo 6, qarshii 5000 waraana weerartuu PP irraa dhuunfachuun dantaa galii qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolche yoo ta’u hidhamtoota isaan badii tokko malee qabanii deemaa turan nama lamas harkaa gad lakkisiiseera.
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn zoonii baha godina Lixa Harargee aanàa Mi’eessoo araddaa Daalacha ganda Haaraattii fi Daalachaa jiddutti kaleessa galgala Sadaasa 6, 2022 humna diinaa sakattaa jedhanii karaa gubbaa deeman turanitti dhukaasuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesssuun du’aa fi madoon adabee addaan bittinneessee ture.
Waraanni diinaa lola kanaan faca’an gara daandii cirracha gurraachaatti ba’uun mana barumsaa Asaboot keellaa iddoo jedhamtutti deebi’uun halkan guutuu qawwee tumaa bulanii jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!
