Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaatti Duula Itti Fufiinsa Cichoomina Kaayyoo Taasisaa jiruun diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-AMajjii 17, 2025

Irree fi gaachanni saba WBOn Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Digaluu keessatti waraana faashistii irratti guyyaa har’aa galgala sa’a 11:07 irraa kaasee hanga sa’a 12:19tti mooraa isheetti itti marsuun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen 12 irraa ajjeesuun 7 madoon adabee guutumaatti mooricha keessaa baqachiisee meeshaalee waraanaa garaagaraa irra boji’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof gali godhe jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii kaleessa galgala aanaa Muneessaa keessatti fudhateen 7 ajjeesee 8 madeessuun loltuu PP 1 qawwee fi hidhanoo waliin booji’uun ni yaadatama.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Exit mobile version