ONM-ABO Bitootessa 15, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibba-bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii bahaa aanaa Muuneessaa ganda Cophaa iddoo addaa Ilaalaa jedhamutti waraana bilxiginnaa maqaa sakatta’a WBOtiin yaatu haxxee itti hidhuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabeera.
Har’a Bitootessa 15, 2024 ganama obboroo sa’a 12:00 irraa hanga sa’a 3:00tti tarkaanfii WBOn waraana faashistii PP irratti fudhateen loltoota diinaa irraa 23 ajjeesuun 17 madoo taasisee jira.
Gama meeshaatiin isnaayippara Turkii 1 fi AKM Turkii 1 hiikkachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira. Humni bilxiginnaan bobbaaste kun saamichaa fi uummata nagayaa hiraarsuu,mana ummataa gubuu fi dubartii gudeeduu malee seera waraanummaa kan hin beeknee fi naamusa waraanummaa dhabuun kan beekamu yoo ta’u, tarkaanfii WBOn irra ga’een booda uummata keessatti deebi’uun mana uummataa ganduma Cophaa keessaa barbadeessaa turuun baramee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

