ONM-ABO Ebla 10, 2024
Irree fi gaachana sabaa kan ta’e gootichi waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba-Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakattaa WBOtiin yaatu iddoo garaa garaatti dhukkeessaa ooleera.
Gootni ija barbadaa WBOn guyyaa kaleessaa aanaalee gara garaa keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Lola guyyaa kaleessa Ebla 9 ganama godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo keessatti diina maqaa sakattaa WBOtiin yaatu ganama Subiin haxxee itti hidhuun itti marsee dhukaasaan dhukkee irraa kaasaa oole.
Lola ganama sa’aatii 12 hanga galgala sa’aatii 12tti geggeeffameen, loltoota sirnichaa 35 ajjeesee 17 madoo dandammii hin qabne gochuun warri hafte baqattee of booda deebitee jirti.
Haaluma wal fakkaatuun mooraa diinaa godina Arsii Bahaa aanaa Muunessaa magaala Qancarree keessatti argamtu galgala sa’aatii 1:00n itti seenuun bulleessaa buluun 13 ajjeesee 7 madeessuun diina jala bultii Ayyaanaatiin uummata gooluuf dhufte adaba itti tolchee jira.
Ittuma fufuun halkanuma kana godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Sadee fi Xuffaa keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

