Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Ebla 8, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa fi Cibraan Madda-Walaabuu wal ta’uun waraana maafi’aa PP maqaa sakattaa WBOtiin yaatu haxxee itti hidhuun adabe.

Tarkaanfii kaleessa Ebla 7 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Gallabee Amajaa iddoo addaa Burkutuu jedhamtutti jajjabeen WBO sa’atii 11:00 hanga 12:30tti fudhateen, humna Abiy Ahimed irraa 5 ajjeesuun 7 madoo godhee jira.

Tarkaanfii akka bakakkaa itti bu’eenis loltootni maafiyaa PP reeffaa fi madoo ishee gatuun baqattee of booda deebitee turte.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version