ONM-ABO Bitootessa 9, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa kaleessa Bitootessa 8 diina maqaa sakatta’a WBOtiin yaatu ganama subiin godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa ganda Odaa Tooyaa bakka addaa Boree jedhamtutti haxxee itti hidhuun waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhateen 3 ajjeesee 7 madoon adabuun tika waraana PP tokko harkaan qabee jira.
WBOn zoonii Kibba Bahaa Oromiyaa tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kaleessaa godinuma Arsii bahaa aanaa Sirkaa ganda Gallabee Amajaa keessatti Cibraan Maddaa Walaabuu lukkeele diinaa maqaa sakattaa WBOn bobbaatee uummata nagaa hirarsaa fi samicha irratti geggeessaa turte haxxee itti hidhee 6 ajjeessuun 10 madoon adabee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

