Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hogganaan waraana Sudaan dhukaasa dhaabuu galmaan ga’uuf SRF bakkoota qabatanii jiranii akka bahan gaafateONM-ABO Amajjii 2, 2024

Dura Taa’aan Mana Maree Walabummaa  Ce’umsaa Sudaan fi Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan (SAF) Abdel Fattah Al-Burhan waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuun kan danda’amu Humni Deggarsa Saffisaa RSF magaalota hunda irraa, qe’ee lammiilee fi waajjira muummee mootummaa irraa yoo ba’ee qofa dha jedhan.

“Waraana kana dhaabuuf karaan tokko qofa, innis milishaan finciltootaa Naannoo Geziraa fi magaalota Sudaan hafan keessaa baasuudha, kana malees maallaqa saamamee fi qabeenya lammiilee akkasumas meeshaalee mootummaa socho’an hunda deebisuu, qe’ee lammiilee fi waajjira muummee mootummaa keessaa baasuu dha jechuun jechuun Al-Burhaan Dilbata darbe waggaa 68ffaa walabummaa Sudaan sababeeffachuun uummata Sudaan waliin haasaa taasisaniin dubbachuu TV Sudaan ibseera.

Dhukaasa dhaabuun waan armaan olitti ibsameef wabii hin taane kamiyyuu gatii hin qabu, uummanni Sudaan garuu ajjeestoota, yakkamtoota, fi warra isaan deeggaran kana gidduu jiraachuu hin fudhatu,” jechuun dabalaniiru.

Al-Burhaan biyyoonni ollaa Sudaan RSF akka hin deeggarre akeekkachiisaniiru jechuun dhaabbati oduu Xinhua gabaaseera.

“Biyyoonni ajjeessitoota kana simatan dhimma keenya keessa seenuu akka dhiisan ergaa dabarsaa jirra, sababiin isaas hoggansa garee finciltootaaf deggarsa kamiyyuu gochuun yakka keessattis ta’e uummata Sudaan ajjeesuu fi balleessuu keessatti akka walta’iinsaatti waan ilaalamuuf,” jedhan.

Sudaan Ebla 15 irraa eegalee Waraanni Sudaan SAF fi garee milishaa RSF gidduutti walitti bu’iinsi lubbuu namaa galaafate biyyattii keessatti hanga ammaa hin dhaabbanne.

Lola kanaan lubbuun namoota 12,000 ol ta’uu galaafatamuu ibsi Waajjira Qindoomina Dhimmoota Namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii jalqaba Muddee keessa baase ni mul’isa jechuun English lokmat.com gabaaseera.

Exit mobile version