Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan biyya waraanaan miidhamte keessatti hidhi dho’uun lubbuu namoota 60 galaafate

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Sudaan biyya waraanaan miidhamte keessatti sababa rooba cimaa roobeen hidhi dhoohee lubbuun namoota 60 darbe

Yeroo ammaa kana hojiin sakatta’iinsaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, lakkoofsi namoota du’anii daran ol ka’uu mala sodaan jedhu jira.

Hidhi Arbat kun meetir kiyuubii miiliyoona 25 yoo ta’u, madda bishaan dhugaatii guddaa magaalaa qarqara galaanaa Poort Sudaan kan ta’edha.

Sudaan waraana biyya keessaa ji’oota 16f tureen erga barbadooftee booda, amma rooba cimaa fi lolaa mudachaa jiruun namoota kumootaan lakkaa’aman galaafatee, kuma kudhaniin lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an dirqisiiseera.

Roobni cimaan kun Sudaan keessatti keebilii faayibar optikii guddaa irrattis miidhaa geessiseera, kunis guyyaa lammaffaaf walitti aansuun kutaalee biyyattii hedduu keessatti qunnamtiin akka addaan citu marsariitiin dhuunfaa Raadiyoo Dabangaa ni mul’isa.

Daarektarri Abbaa Taayitaa Bishaanii kutaa Galaana Diimaa, Omar Isaa Xaahir, marsariitii oduu biyya keessaa Akabaritti akka himanitti, lolaan kun “naannoo guutuu miidheera” jedhan.

Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Abdul-Fattah al-Burhan naannolee lolaa kanaan miidhaman daawwataniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa barreeffama Feesbuukii irratti barreesseen, “qaamni federaalaa fi mootummaa hundi carraa jiru hundatti fayyadamuun lammiilee naannolee kanneen keessa jiran gargaaruu fi deggarsa fi gargaarsa akka isaaniif kennan” waamicha dhiyeessee jira jechuun BBCn gabaaseera.

Exit mobile version