Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Humna Deggersa Ariifataa RSF, Sudaan waraanaan miidhamte Kaaloogii keessatti namoota kurnaan hedduu irra caalaan isaanii daa’imman ta’an ajjeesuu maddeen waraana Sudaan SAF’tti dhiyoo ibsan

ONM-ABO Muddee 6, 2025 

Lakkoofsi namoota haleellaa humni deggarsa ariifataa (RSF) mana barumsaa daa’immanii fi iddoowwan biroo  magaalaa Kaaloogiii kutaa Kibba Kordofan keessatti raawwateen kanneen ajjeefaman gara namoota 47tti ol guddachuu isaa fi irra caalaan isaanii daa’imman ta’uu himuun, kanneen gara 50 ammoo madaa’uu maddeen waraanaa lama humna waraanaa Sudaan (SAF) mootummaa waliin hidhata qaban  Aljazeeraaf himan.

Akka maddeen kun jedhanitti, RSF Kamisa darbe mana barumsaa daa’immanii erga haleeleen booda deebi’ee namoota nagaa irratti xiyyeeffate. Hospitaalli magaalattii fi gamoo mootummaa tokko irrattis boombiin darbatameera.

Lakkoofsi kun ammallee kan dhumaa akka hin taane ibsuun miidhaan cimaan namoota yaalaman tokko tokko irra gahe irraa kan ka’e akka dabaluu danda’u maddeen agarsiisaniiru.

Kamisa darbe, Neetworkiin Doktoroota Sudaan jalqaba irratti akka gabaasetti, “haleellaa diroonii itti yaadanii magaalaa Kaaloogii keessatti michuu isaa Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan–Kaabaa (al-Hiluu), waliin mana barumsaa daa’immanii fi dhaabbilee siiviilii hedduu irratti raawwatameen, daa’imman afur fi dubartoota lama dabalatee yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefamaniiru.

“Haleellaan kun seera namoomaa idil-addunyaa cabsuu guddaa kan ta’ee fi itti fufiinsa namoota nagaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an irratti xiyyeeffachuudha,” jechuun dabalaniiru.

Waraana biyya keessaa gara jabinaa deemaa jiru keessatti gocha hammeenyaa RSF namoota nagaa irratti raawwate keessaa kun isa dhiyoodha jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version