Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan qacaramtoota waraanaa 12 irratti himannaa bante jedhu dubbi himaan

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Sudaan loltoota qacaramtoota waraanaa biyyoota Afrikaa fi Arabaa jedhaman 12 irratti himannaa banuu ishee dubbi himaan mootummaa Kamisa darbe ibsaniiru. Kunis yeroo walitti bu’iinsi waraanaa fi humna deggersa ariifataa (RSF)  jiddutti itti fufee jirutti.

Mootummaan RSF waldhabdee Ebla 15 dhoohe keessatti loltoota qacaramtoota waraanaa biyyoota ollaa irraa fayyadama jechuun himata.

“Loltoota kiraa sassaabdota biyya alaa 12 irratti galmeen banameera … booda ni ilaalama,” jedhan Ministirri Odeeffannoo fi dubbi himaan mootummaa Giraaham Abdel Gaadir.

Itti dabaluudhaanis abbaan alangaa mootummaa hoggantootaa fi miseensota RSF irratti galmee 15,868 galmeessuun tumsitoota isaanii 16’f ajaja hidhaa baasuu isaa ibsaniiru.

Ji’a Eblaa keessa muummicha ministeeraa duraanii Abdallah Hamdok fi hoggantoota mormitoota biroo 16, kanneen mootummaa irratti waraana kakaasan jedhamanii himatamaniif ajajni hidhaa bahee ture. 

Abdel Gaadir RSF manneen hidhaa 39 ol keessaa hidhamtoota 19,481 gadhiisuun lammiilee nagaa irratti sarbamiinsa fi saamicha akka raawwatan himaniiru.

RSFn daa’imman bobbaasaa jira jechuun irra deebi’ee kan dubbate yoo ta’u, namoonni 4,500 ajjeefamanii, 216 ammoo gudeeddiinni irratti raawwatameera jedhaniiru jechuun Sudaan Tiribiyuun gabaaseera.

Exit mobile version