ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Waraanni Sudaan, to’annoo guutuu magaalaa guddoo Kaartum, lola torban tokkoof turulern masaraa pirezidaantii, buufata xiyyaaraa, fi iddoowwan ijoo biroo humna waraanaa morkattootaa irratti deebisee qabachuu isaa ibse.
“Humnoonni keenya har’a bakka haftee milishaa shororkeessaa Daagloo naannoo Kaartum keessatti milkaa’inaan fi humnaan qulqulleesse,” jechuun dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Nabil Abdullaa Kamisa galgala ibsa kennaniin.
Masaraa pirezidaantii deebi’ee qabame keessaa, hogganaan waraanaa Sudaan Abdel Fattah al-Burhan Roobii darbe magaalaa guddoo biyyattii RSF irraa “bilisaa” baasuu labse.
Erga Raayyaan Ittisaa torbee darbe Masaraa Pirezidaantii deebisee qabate as, namoonni ijaan arganii fi aktiivistoonni qabsaa’onni RSF magaalaa guddoo irraa duubatti deebi’uu isaanii gabaasan.
Maddi Raayyaa Ittisaa Roobii darbe AFP’tti akka himetti, loltoonni RSF riqicha Jebel Awliyaa daandii isaanii tokkicha Kaartum keessaa ba’aniin baqachaa akka jiran ibsaniiru.
RSF garuu “duubatti deebi’uu fi harka kennachuu akka hin taane ibsuun” humnoonni isaa bakka biraatti of ijaaree ka’uuf qofa akka ta’e dhaadate..
Waraanni kun namoota kuma kudhaniin lakkaawaman kan ajjeese yoo ta’u, miliyoona 12 ol akka buqqisuu UN ibseera jechuun AFP’n Jimaata kaleessaa gabaaseera.

