Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Sudaan magaalaa guddoo Kaartum caalaa RSF irraa deebisee fudhate

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Waraanni Sudaan riqicha guddaa baha magaalaa guddoo Kaartum gara kibbaatti walqunnamsiisu qabatte. Kunis erga to’annoo kutaa kaabaa isaa Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) irraa deebisee fudhatee guyyoota muraasa booda.

Waldhabdeen Sudaan keessatti mul’ate waggaa lamaaf yeroo dhihaatutti, Raayyaan Ittisaa torbanneen darban keessa magaalaa guddoo fi naannoo ishee garee waraanaa gargaaraa irraa garagalee jira.

RSF ammallee iddoowwan ijoo tokko tokko to’atee jira. Gabaa giddugaleessaa, masaraa pirezidaantii, fi kutaalee mana jireenyaa kibbaa fi dhihaa tokko tokko dabalateeti.

Akkasumas kutaalee naannoo giddu galeessaa Kordofan, irra caalaan naannoo dhihaa Daarfur kan qabate yoo ta’u, magaalaa El-Fashir, magaalaa guddoo Kaaba Daarfur keessatti waraanaa fi michoota ishee marsee jira.

Erga waldhabdeen kun Ebla bara 2023 jalqabee asitti lammiileen nagaa miliyoona 11.4 ta’an buqqa’uuf dirqisiifamaniiru.

“RSF fi waraanni Sudaan lamaan isaanii iyyuu haasa’uuf qophii ta’uu isaanii garuu of eeggannoo fi haala gama biraatiif fudhatama hin qabne jedhu. Lamaanuu ammallee dirree waraanaa irratti injifannoo guutuu argachuu akka danda’an amanu” jechuun Aljazeraan gabaaseera.

Exit mobile version