ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Hogganaan Humnoota Deeggarsa Saffisaa Sudaan (RSF), Mohamed Hamdan Dagalo, Hemittii jedhamuun beekamu, Dilbata kaleessaa gara Kaartumitti “yeroo kamiyyuu caalaa cimee” akka deebi’u dhaadateera.
Ergaa waraabame dhiyaate keessatti, Hemityiin RSF dhiheenya kana Omdurmaan keessaa akka ba’e beeksisuun, kunniin murtoo tarsiimoo bakka biraatti jijjiiruu hoggansa waraanaa walootiin fudhatame ta’uu ibse.
“Eeyyee, Kaartum irraa kaaneerra, yeroo kamiyyuu caalaa jabaannee deebina” jechuun dabalee dubbateera.
Yaada waraanni xumuratti dhihaateera jedhuuuf yeroo deebisu: “Kun jalqaba. Moo’achuuf kutannee jirra” jechuun kuffiseera.
Hemedtiin marii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin taasifamu kamiyyuu hin fudhanne hime. “Isaan waliin marii ykn waliigaltee irratti hin bobbaanu, qawwee qofatu murteessa” jedhe.
Raayyaan Ittisaa fi RSF walakkeessa baatii Ebla bara 2023 irraa eegalee waraana lola Sudaan keessatti geggeessaa kan turan yoo ta’u, wal waraansi kun namoota 20,000 ol ajjeesee miliyoona 14 akka buqqa’an kan taasise ta’u, aanga’oonni UN fi naannoo sanaa himaniiru. Qorannoon yunivarsiitiiwwan Ameerikaa garuu lakkoofsi namoota du’anii naannoo 130,000 akka ta’an tilmaama.
Hemittiin Humna Deggersa Saffisaa hogganuu deggersa meeshaalee waraanaa fi maallaqaa biyya arabaa United Arab Emirates irraa argatu karaa Bilxiginnaa Itoophiyaa Abiy Ahimed darbuufiin loltoota Abdul Fattaa Al Buraan walitti yeroo dheeraa magaalaa Kaartum qabatee turus yeroo ammaa rukutamee magaalattii keessaa ba’uun Abiy Ahimedittis yaaddoo ta’ee jiraachuun dubbatamaa jira.

