Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan Kibbaatti namoonni miliyoona tokkoo ol lolaadhaan miidhaman

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Sudaan Kibbaatti rooba cimaa roobee lolaa mudateen lubbuun namoota miliyoona tokkoo ol miidhamuu Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA)n beeksise.

Lolaan kun tilmaamaan namoota  271,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqisuun, biyyattii harka caalu  lafa olka’aa irratti koolugaltummaa akka barbaadan isaan dirqisiiseera jedha gabaasa haala dhuma torbee baaseen.

OCHA’n rooba cimaa fi lolaa daandii dhiyeessii gargaarsa namoomaa ijoo 15 akka hin deemne gochuun gargaarsa naannolee miidhamaniif akka hin geenye taasiseera jechuun hubachiiseera.

Sudaan Kibbaa, biyya addunyaa irratti dargaggeessa taate, lolaa hamaa waggoota kurnan darban keessaa inni cimaan tokko kan mudateen yoo ta’u, gaaga’ama bal’aa, buqqa’iinsa, bu’uuraalee misoomaa fi jireenya irratti miidhaa hamaa geessisaa jira.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Wiixata kaleessaa akka jedhetti, dhaabbileen fayyaa 58 kaawuntii shan keessatti bishaaniin kan liqimfaman yoo ta’u, gara 90tti kan dhiyaatan ammoo dhaqqabamaa miti. 

Daandiiwwan gurguddoon gara 15 ta’anis, daandiiwwan gara magaalaa guddoo Juubaa, bakka tajaajilli fayyaa sadarkaa olaanaatti argamutti geessu dabalatee, addaan citaniiru.

WHO itti dabaluudhaan lolaan kun Sudaan Kibbaa keessatti haalli namoomaa duraanuu yaaddessaa ta’e hammeessee jira. Sudaan Kibbaa yeroo ammaa baqattootaa fi namoota gara 800,000 ta’an kanneen waldhabdee hidhannoo irraa baqatanii biyya ollaa Sudaan irraa baqatan keessummeessiti jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version