ONM- ABO Amajjii 6, 2024
Waraanni Abiy Ahimed furmaata naaf fidu jedhee Oromiyaatti bobbaasaa jiru, dhiibbaa fi yakka sirnichi saba qulqulluu irratti gochaa jiru gad-fageenyaan kan hubatan, guyyuu bakka itti bobba’an irraa mooraa balfamaa bilxiginnaa ganuun WBOtti dabalamuu jabeessanii jiru.
Bifuma kanaanis godina lixa Wallaggaa aanaa Najjoo magaalaa Najjoo irraa waraanni faashistii PP koloneel Abiy Ahimed akka isaan ilmaan Oromoo ajjeesaniif bobbaase, saba irraa dhalanne hin ajjeesnu jechuun mooraa sirnichaa keessaa loltootni 3 baduun nagaan WBO bira ga’uu isaanii maddeen waraana bilisummaa Oromoo naannichaa ONMtti himaniiru.
Loltootni mooricha Keessaa badan kunneen meeshaa isaan mooricha keessaa qabachuun gara WBOtti dhufanis: Kilaashii turkii 2, dachaatuu 1, rasaasaa 460, boombii harkaa 2, gumbii 6 fi hidhannoo sadii baasuun,dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan oolchanii jiru.
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo osoo rakkoo saba keessanii argaa jirtanii meeshaa qabatanii jirtaaniin ajaja isinitti kennamuun saba keessan irratti dararaa raawwachuu dhiisaati, gara qabsoo saba Oromoo kan ta’e kan waraana bilisummaa Oromoon geggeefamutti dabalamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

