Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar mooraa waraana Bilxiginnaa Aanaalee garaa garaa irraa loltootni PP 12 yoo badan, Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuu irraa immoo loltootni 2 WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanoota garaa garaa keessatti miseensotni waarana PP dhalootaan Oromoo ta’an gochaa gara jabeenyaa murni Bilxiginnaa Oromoo irratti raawwatu mufachuun mooraalee waarana PP adda addaa keessaa meeshaa fi hidhannoo lafa ka’anii badaa jiru.

Haaluma kanaan aanaalee akka Tolee fi Qaarsaa Mallimaa keessatti waaranni faashistiin PP dhalootaan Oromoo ta’an ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi dararaa qajeelfama Abiy Ahimediin itti kennamuun uummata Oromoo irratti raawwatu jibbuun mooraa PP keessaa badaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis miseensotni hafan qoratamaa jiraachuun barameera.

Amajjii 17, 2025 galgala aanaa Tolee mooraa waarana PP magaalaa Baantuu keessaa miseensotni waraana  Bilxiginnaa 8 mooricha gadi dhiisuun badanii jiru. 

Aanaa Qarsaa Maallimaa bulchiinsa magaalaa Adaadii mooraa waaranaa magaalaa Adaadii keessaa ammoo Amajjii 16, 2025 lotootni 4 gananii jiru.

Walumaagalatti aanaalee lamaan kana keessatti qofa loltootni Bilxiginnaa 12 torbee darbe kana keessatti qofa mooraa waraana Abiy Ahimed gananii gara jireenya dhuunfaa isaaniitti deebi’aniiru.

Oduudhuma kana waliin wal qabatuun ilmaan Oromoo miseensota waraana Bilxiginnaa turan 2 mooraa waraana Bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu irraa gocha farrummaa Bilxiginnaan aangoo isaa tursiisuuf qofa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Loltootni kunneenis qawwee AKM 2, hidhannoo 2 fi rasaasa 180 qabachuun WBO bira kan ga’an yoo ta’u, ilmaan Oromoo goyyomsaa PP’n achi keessa ta’anii uummata isaanii miidhaa jiran yeroon badii isaanii irraa deebi’uun gara qabsoo saba isaaniitti akka deebi’aniif dhaamsa dabarsaniiruuf.

Exit mobile version