Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti waraanni faashistii PP walitti dhukaasuun nama 2 wal irraa ajjeesuun tokko ammoo madeessan

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessatti  Amajjii 2, 2025 waraanni naamusa waraanummaa hin qabne akka feeteen jiraatu, dhugaatii dhuguun macha’anii ilaalcha sabummaan wal qooduun kanneen dhalootaan Amaaraa ta’anii fi ijoolleen dhalootaan Oromoo ta’an walitti dhukaasuun nama 2 yeroo wal irraa ajjeesan tokko ammoo madeessanii jiraachuu maddeen keessoo isaanii ONM’tti himaniiru. 

Akka maddeen keenya kun himanitti, loltoonni dhalootaan Amaaraa ta’an kun erga haleellaa kanneen sabaan Oromoo ta’an irratti rawwaataniin booda meeshaa fi hidhannoo guutuun moricha keessaa akka badanis itti dabaluun eeraniiru.

Waraanni faashistii PP dhalootaan Amaaraa ta’an kunneen yeroo hunda ilaalchi isaan mooraa waarana faashistii PP kana keessatti qaban olaanaa ta’uus kan himu maddeen keessoo sirnichaa, akkaataa fedhaniin Oromoo irratti ajjeechaa raawwatanis gaafatamummaa kam jala akka hin jirres itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version