Lammiileen Paakistaan sadii Jiddaatti qoricha miira namaa dammaqsu meetamfeetaamiinii jedhamu kiiloo giraama 3.9 gurguruu isaaniitiin to’annoo jala ooluu isaanii Daarektarri Waliigalaa To’annoo Narkootikii Sa’uudii Arabiyaa Dilbata har’aa ibseera.
Jiraataan Hindii tokkos godina Bahaatti waanta Shabuu jedhamuun beekamu raabsuu isaatiin to’annoo jala kan oole yoo ta’u, lammiin Yaman fi lammiin Sa’udii tokko ammoo Jazaan bulchiinsa Samtahi keessatti amfeetaamiin gurguruu isaatiin to’annoo jala ooleera.
Aanaa Al-Ardaa Jazan keessatti, lammiileen Yaman afur Jimaa kiiloo giraama 80 seeraan alaa daddabarsuuf yaalan jedhamuun to’annoo jala oolaniiru.
Eegdonni daangaa naannoo Asiir naannoo Al-Rabwaatti lammiilee Itoophiyaa shan Jimaa kiloogiraama 70 seeraan alaa daddabarsan jechuun to’annaa jala oolchaniiru.
Aangawoonni Sa’udii hawaasni odeeffannoo waa’ee daddabarsa ykn daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu kamiyyuu naannolee Makkaa, Riyaad fi Bahaa keessatti 911, akkasumas Mootummaa hafe keessatti 999 bilbiluun akka gabaasan dhaamaniiru jechuun Arab News har’a gabaaseera.

