ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025
Ministeerri Biyya Keessaa Siiriyaa Sanbata kaleessaa akka beeksisetti, Wasim Badi Al-Assad, ilmi obboleessa bulchaa aangoo irraa ari’ame Bashar al-Asaad fi yakka waraanaa fi daldala qoricha sammuu namaa hadoochuun bal’inaan shakkamu yeroo hojii nageenyaa to’annoo jala ooleera.
Akka ibsa Ministeerichi telegiraamii irratti kennetti, Wasiim hojii waloo Daayirektoreetii Odeeffannoo Waliigalaatiin kutaalee Ministeera Biyya Keessaa waliin qindoominaan raawwatameen qabame.
“Daayirektoreetiin Basaasa Waliigalaa, kutaalee Ministeera Biyya Keessaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun, bara sirna duraanii yakka hedduu raawwachuudhaan kan beekamuu fi daldaltoota qoricha sammuu namaa hadoochu keessaa tokko ta’uu isaatiin kan beekamu Wasiim Asaad milkaa’inaan irratti duulee to’annoo jala oolche.
Bara 1980 kan dhalate Wasiim, bulchiinsa qarqara galaanaa Siiriyaa Tartus keessa jiraata. Waggootaaf daldala qoricha sammuu namaa hadoochu Siiriyaa keessatti daldaluun beekamtii kan argate yoo ta’u, Wasiim tarree qoqqobbii US fi EU keessatti hammatamee turuu Anaadooluun gabaaseera.

