ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Walitti bu’iinsa guyyoota lamaaf humnoota nageenyaa Siiriyaa fi humnoota michuu fi deggartoota preezdaantii aangoo irraa kaafaman Bashar Asaad gidduutti uumameen lubbuun namoota 1,000 ol darbuu gareen hordoffii waraanaa beeksise.
Kunis waldhabdee waggoota 14 Siiriyaa keessatti mudate keessatti taateewwan lubbuu namaa galaafatan keessaa isa tokkodha.
Dhaabbanni UK keessatti argamu Observatory for Human Rights Siiriyaa (SOHR) guutuu bulchiinsa Latakiyaa, Tartus fi Hamaa keessatti bakkeewwan 20 ol keessatti lubbuun namootaa darbuu gabaaseera.
Namoonni nagaa 745 kanneen irra caalaan isaanii dhukaasa fageenya dhiyootti raawwatameen ajjeefaman malees, miseensonni humna nageenyaa mootummaa 125 fi hidhattoonni Asaad waliin hidhata qaban 148 akka ajjeefaman ibseera.
Asaad Muddee darbe bulchiinsa sirna mootummaa waggoota kurnaniif maatii isaatiin bulchaa ture, ukkaamsaa cimaa fi waraana biyya keessaa hamaa ta’een kan mul’ate booda aangoo irraa kaafameera.
Namoonni nagaa ajjeefaman harki caalaan isaanii amantii Alawwaayit biyyattii keessaa akka ta’an Observatory’n kun hubachiiseera jechuun Dooch Waleen gabaaseera.

