Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waldhabdee Siiriyaa humnoota mootummaa fi amanamtoota Bashar Al Asaad gidduutti uumameen namootni 70 ol ta’an du’uun ibsame

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Siiriyaa keessatti Humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota bulchaa aangoo irraa ari’aman Bashar al-Assad gidduutti namoonni 70 ol yoo ta’an, kudhanootaan kanneen lakkaa’aman kan madaa’an ta’uu isaanii Jimaata har’aa ibsameera.

Kamisa kaleessaas humnoota mootummaa fi amanamoota al-Assad gidduutti wal loliinsa uumameen magaalaa qarqara galaanaa Jabilee fi gandoota itti aananii jiran keessatti namootni 48 kan du’an yoo ta’u, kunis erga Muddee keessa Al-Assad kufee booda haleellaa jeequmsaa aangawoota haaraa irratti raawwatame” jedhan.

Loltoonni deggertoota Al-Asaad hojjettoota nageenyaa 16 yoo ajjeesan, loltoota 28 pirezidaantii aangoo irraa ari’aman waliin kan hiriiranii fi lammiileen nagaa afurillee akka ajjeefaman Kamisa kaleessaa ifoomeera.

Aangawoonni haaraan Siiriyaa sarbamiinsa kana balaaleffachuun namoota itti gaafatamummaa qaban akka hordofan dhaadataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version