Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti namni tokko yoo ajjeefamu, manneen qonnaan bultootaa gubachuu fi saamamuu jiraattotni dubbatu

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Waraanni akka seeraa Addunyaatti nageenya hawaasaa eeguu fi namoota meesha maleeyyiif wabii ta’uun akka tajaajilaniif leenji’anii kan bobbaafaman yoo ta’u, impaayeera Itoophiyaa keessatti garuu faallaa Addunyaa namuu mana murtiitti dhihaatee yakki isaa osoo hin ilaallamne ajjeechaa jumlaa, hidhaa, gubaatiin manneenii fi saamichi uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira.

Hidhattootni murna bilxiginnaan bobbaafaman kunneen baatii muraasan dura gochoota manneen ajjeechaa, gubaati fi saamicha bifa addaan kan duraa caalaa qabatanii hawaasatti kan bobbaafaman yoo ta’u guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 6, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Gaara Kormaa keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Habtaamuu Maariqaa Daffisaa jedhamu balleessaa tokko malee qabuun bakka Gabaa Jimaataa jedhamutti ajjeesuu jiraattotni himu.

aanichuma ganda Kusaayee keessatti qabeenya hawaasaa nagaa saamuun manneen isaanii ammoo gubuun barbadeessanii jiru.

Daawwit Aggazuu, Daagim fi Iliyaas Lammaa warreen jedhaman jalaa qabeenyaa isaan mana keessaa qaban kanneen akka midhaanii saamanii yoo fe’atan, qabeenya socho,uu hin dandeenye ammoo ibidda itti qabsiisuun daaraa godhanii deemuu jiraattotni dubbatu.

Namoonni kunneen qabeenyi fi manni isaanii jalaa gubatee waan barbadaa’ef yeroo ammaa maatii isaanii waliin jiruu bakkeef saaxilamanii jiru jechuun dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version