Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti namni nagaan tokko waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Duulli duguuggaa sanyii murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti adeemaa jiru jabaatee itti fufuun dhiigni namoota qulqulluu hidhattoota sirnichaan akkuma dhangala’aa jirutti itti fufee jira.

Hidhattootni ajjeechaa hojii isaanii idilee godhatanii uummatatti bobbaafaman kun Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Qellem keessatti gaafa Amajjii 24, 2024 nama nagaa maqaan isaa Gammachuu Malaakuu Waltajjii jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni himan.

Namni ajjeefame kun qonnaan bulaa hojii qonnaa dalaguun ofii fi maatii isaa jiraachisu yoo ta’u, nama siyaasa keessaa harka hin qabnee fi waa’ee siyaasaa hin beekne ta’uus dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version