ONM-ABO Bitootessa 8, 2024
Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti namoonni nagaan hojii idilee isaanii geggeeffatan hidhattoota sirnichaan ajjeechaan irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jira.
Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaan dhiigni namoota qulqulluu dhangal’uu kan itti fufee jiru yoo ta’u, daldalaa tokko dhalootaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Kurii kan ta’e daakuu mana shaayee bitachuuf gara gabaa magaalaa Gidaamii kan deeme dargaggoo maqaan isaa Abbushaa Imaanuu jedhamu waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefamuu jiraattotni dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoo kana yeroof Mana hidhaa kan galchan yoo ta’u guyyoota muraasaaf mana hidhaa erga tursiisaniin booda mana hidhaa irraa dhoksaan baasanii halkan ajjeesanii bakkeetti gatuus himan.
Maatiin dargaggoo kanaa waajjira poolisii magaalaa Gidaamitti deddeebi’anii gaafatanis aanaa Haroo Sabbuutti dabarsine jechuun itti qoosaa turuu fi maatiinis aanaa Haroo Sabbuutti deddeebi’anii rakkachaa turuu himuun, kaleessa Bitootessa 7, 2024 ammoo akka ajjeesanii gatan qaamuma isaanii keessaa maatiitti himuun maatiinis boo’icha akka taa’an addeessaniiru.

