ONM-ABO Muddee 30, 2023
Ilaalcha saamichaa fi balleessii qabatanii socho’aa kan jiran hidhattootni murna bilxiginnaa yeroo ammaa uummata Oromoo harka duwwaatti hambisuun jiruu gadadoof saaxilaa jiru.
Sirni namoota nagaaf hin tolle bilxiginnaan kanneen ilaacha badii qabatanii socho’aa jiran kunneen Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Gaara Kormaa keessatti gaafa Muddee 15, 2023 namoota nagaa jiruu idilee isaanii geggeefatan jalaa qabeenyaa isaanii saamuu maddeen bakkichaa himan.
Obboo Naasir Masgabuu kan jedhaman qonnaan bulaa Hojii qonnaa dalaguun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u hidhattootni dafqa hiyyeessaa nyaachuu baran kunneen gara ganda sanaatti imaluun gaaffii tokko malee qabeenyaa isaa saamuun mana isaas ibiddaa itti qabsiisuun gubanii barbaadeessan.
Mana isaa keessaa mi’a tokkollee osoo hin baafatiin walumatti gubanii barbadeessuu fi yeroo ammaas maatiin rakkoo hamaa keessa jiraachuu dabaluun dubbatu.
Gandichuma keessatti namoota mana hidhaatti xinnaa guddaa osoo hin jenne funaanaa jiraachuu fi reebichi daangaa hin qabnees raawwachaa jiraachuu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

