ONM ABO Waxabajjii 23, 2024
Hidhaa akka meeshaa waraanaatti dhimma kan itti bahaa jiru bilxiginnaan silaa yeroo itti uummanni Oromoo kabajni maluu fi boqonnaa argatee jiraachuu qabu kanatti murni PP nageenya isaanii booressuun ilaalcha namoonni hin qabneen yakkuun yeroo ammaa manneen hidhaa garaagaraa keessatti dararaa jira.
Hidhaa, saamicha, buqqaatii fi ajjeechaan gara jabeenyaa loltoota kanneeniin keessatti geggeeffamaa kan jiru godinni Qellem Wallaggaa aanaan Gidaamii loltoota gara jabeenyaa safuu fi naamusa hin qabneen addatti waggoottan jahan darbanii qabee gidiraa akkaan ulfaataan irratti geggeeffamaa jira.
Waxabajjii 17, 2024 aanaa Gidaamii ganda Coomman Kallaa fi Baataa jedhamu keessaa namoonni nagaan gochaa isaanii malee loltoota gara jabeeyyii naamusa hin qabneen namoonni maqaan isaanii Wasanee Alamuu, Naggasaa Alamuu fi Gaaromaa Kaasahuun jedhaman badii tokko malee loltoota sirnichaan reebichi hamaan irratti raawwatamuun mana hidhaa magaalaa Gidaamiitti hidhamanii akka jiran jiraattotni dubbatu.
Namoonni hidhaman kunneenis abbaa maatii yoo ta’an yeroo itti silaa uummanni ooyruu isaa qotatutti maatii irraa hidhanii bara dhufu beelaan rukutuuf gochaa kana godhan malee namoonni kunneen namoota nagaa dhimma siyaasaa keessaa harka hin qabne jechuun dabaluun ibsaniiru.

