ONM-ABO Amajjii 9, 2024
Waraanni kun waggaa lammaffaa isaaf yeroo dhihaatutti, Moskoo fi Kiiv lamaan isaanii iyyuu haleellaa hamaa ta’een lubbuu namoota nagaa kudhanootan galaafataniiru jechuun wal himatu.
“Halkan tokkotti Amajjii 8, 2024 diinni haleellaa guddaa Yukireen irratti raawwate,” jechuun humni qilleensaa Yukireen miidiyaa hawaasaa irratti ibseera.
Raashiyaan walumaa galatti misaa’ela 51 kan furguggifte yoo ta’u, isaan keessaa 18 rukutanii kuffisuu dabaluun ibseera.
Misaa’eloonni Raashiyaa wiirtuu daldalaa fi gamoolee olka’oo magaalaa dhaloota pirezidaant Volodymyr Zelensky Kryvyi Rih keessatti nama tokko rukutanii ajjeesuu itti aanaan itti gaafatamaan pirezidaantichaa Oleksiy Kuleba himaniiru.
“Kryvyi Rih keessatti button humna ibsaa hedduun caccabuun, humni ibsaa addaan citee jira, geejjibni elektirikiis hin hojjetu,” jedhan.
Haleellaan misaa’elaa adda ta’e naannoo dhiha Khmelnytsky keessatti raawwatameen namoota lama kan ajjeese yoo ta’u, maanguddoon naannoo Kharkiv keessatti ammoo caccabaa mana ishee keessaa harkifamtee yeroo baatutti du’uu ishee qondaaltonni himaniiru.
Raashiyaan ibsa ministeera ittisaa isheen kenniteen bakkoota waraanaa qofa xiyyeeffachuu ibsuu France 24 gabaaseera.

