Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaan waamicha Tiraamp haaluu isheetiin Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwateen namoonni jaha yoo ajjeefaman, Pirezidaantii Ameerikaa haaraa filataman waliin bilbilaan haasa’uu haalte

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Haleellaa qilleensaa yeroo dhiyootti Raashiyaan raawwatte hordofuun Yukireen keessatti yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeefamanii 21 ammoo madaa’aniiru.

Namoota du’an keessaa shan magaalaa kibbaa Maayikolayiv keessatti yoo ta’u, namni tokko ammoo Zaporizhiyiyaa keessatti du’uu qondaaltonni himaniiru.

Pireezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky akka jedhanitti, giddugala Yukireen magaalaa dhaloota isaanii Kireviyi Rih keessatti gamoon mana jireenyaa tokko misaa’elaan rukutamee daa’imman lama dabalatee yoo xiqqaate namoonni torba miidhamaniiru.

Gama biraatiin Raashiyaan diroonii Yukireen 13 naannoo dhiha Kursk fi Belgorod jedhamutti barbadeessuu ishee dubbatti. 

Zelensky michoota Yukireen irraa meeshaa waraanaa dabalataa akka argatan waamicha biraa kan dhiyeessan yoo ta’u, weerara Raashiyaa dhaabuuf ”deggarsi addunyaa cimaan” akka godhamuuf gaafataniiru.

Haleellaan kun erga gaazexaa Waashingitan Poostiin pirezidaantiin Ameerikaa haaraa filataman Doonaald Tiraamp Kamisa darbe pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin waamicha taasisuun waraana Yukireen akka hin hammeessine itti himuun gabaafamee booda.

Kiremlin Wiixata kaleessaa haasawaan akkasii raawwatamuu haaleera.

Doonaald Tiraamp torban darbe filannoo erga injifatanii as Zelensky waliin kan dubbatan yoo ta’u, maddi tokko BBC’tti akka himanitti, haasofni kun ”gara walakkaa sa’aatii” akka ture hime.

Zelensky’n kanaan dura lafa Raashiyaaf akka hin kennine akeekkachiisee kan ture yoo ta’u, gargaarsa Ameerikaa malee Yukireen waraana kana akka mo’amtu dubbataniiru.

Tiraamp waldhabdee kana dhaabuuf waadaa galanii kan turan yoo ta’u, hanga ammaatti akkamitti akka kana gochuuf yaadan hin ibsane jechuun BBCn gabaaseera.

Exit mobile version