ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Yukireen torban torbaaf naannoo dhiha Raashiyaa Kursik irratti weerara gooteen yoo xiqqaate namoonni nagaan 56 ajjeefamanii 266 madaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Wiixata kaleessaa beeksise.
Kiiv haleellaa daangaa qaxxaamuraa kana kan jalqabde Hagayya 6 yoo ta’u, Moskoon loltoota kuma kudhaniin lakkaa’aman gara Yukireen erga ergitee waggaa lamaa ol booda. Humnoonni Yukireen amma illee naannoo Kursik keessa jiru.
“Seenaa dheeraa Raashiyaan lakkoofsa sobaa fi olola qabaachuu ishee yoo ilaalle, salphaatti karaan himannaa isaanii itti mirkaneessu hin jiru jedhu Ministeerri Dhimma alaa Yukireen. Raashiyaan haala qabatamaa lafa irratti agarsiisuu yoo barbaadde UN fi ICRCf qaqqabummaa akkasii kennuu dandeessi,” jedhan.
Kiiv weerarri ishee, haleellaa guddaa biyya alaatiin erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Raashiyaa irratti raawwatame, gartokkoon humnoonni Raashiyaa naannoo sana jiran weerara mataa isaanii daangaa ce’anii Yukireen irratti akka hin jalqabne dhorkuuf kan yaadame ta’uu ibsiteetti.
Pirezidaantiin Yukireen Volodymiyer Zelenskiyiin jalqaba baatii kanaa akka jedhanitti humnoonni isaanii naannoo Kursik keessatti qubsuma 100 bal’ina iskuweer kiiloo meetira 1,300 ol ta’u to’achuu isaanii ibsaniiru. Maddeen Raashiyaa lakkoofsa kana kan morman yoo ta’u, Raashiyaan ergasii haleellaa deebi’ee gandoota tokko tokko deebiftee akka fudhatte dubbatti jechuun Rooyiteers gabaaseera.

