ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Loltoonni gara Kursik keessatti daran tarkaanfachuu itti fufaniiru jedha humni Yukireen gabaasa guyyaa guyyaa baaseen.
Moskoon weerara kana kaka’umsa guddaa jechuun, ”deebii malu” kennuudhaan haaloo ba’uuf dhaadatteetti.
bsa appii ergaa Telegram irratti kennaniin, Pirezidaanti Zelenskiin, “loltootaa fi ajajoota booji’amtoota waraanaa Raashiyaa fudhatanii loltoota keenya fi lammiilee nagaa Raashiyaan qabamanii akka gadhiifaman taasisaa jiran hundaaf galatoomaa” jedhan.
Raashiyaan humnoonni ishee naannoo qubsuma sadii naannoo Kursik keessatti lammiilee Yukireen ofirraa deebisuun ”gareewwan diina socho’an” biyyattii keessa gadi fageenyaan bocuuf yaalan barbaadaa akka jiran ibsiteetti.
Ibsi isaa yeroo dhiyoo kun kan ba’e Yukireen torban kana riqicha tarsiimoo barbaachisaa ta’e laga Seym irratti erga barbadeessee booda.
Riqichi kun Raashiyaan loltoota isheef dhiyeessii kan itti fayyadamtu yoo ta’u, badiisni isaas tattaaffii sana gufachiisuu danda’a jedhameera.
Ministeerri haajaa alaa Raashiyaa riqichi ”guutumaan guututti barbadaa’uu” kan himan yoo ta’u, tola ooltonni namoota nagaa baqatan gargaaran ajjeefamaniiru jedhan.
Haa ta’u malee, Yukireen gara naannoo dhiha Raashiyaatti daran yeroo ce’aa jirtutti, humnoonni Raashiyaa baha Yukireen keessattis walqixa bu’aa argachaa jiru. Torbanneen darban keessa magaalota walitti aanan fudhataniiru jechuun BBCn gabaaseera.

