ONM-ABO Amajjii 10, 2023
Helikooptarri ergama Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa keessa jiru tokko naannoo gareen hidhate qabate jirutti bu’uun al-Shababiin qabamtee jirti.
Imaltoonni hedduun garee al-Qaayidaa waliin hidhata qabuu fi waggootaaf Gaanfa Afrikaa keessatti jeequmsa kaasaa tureen to’annoo jala ooluun isaanii gabaafameera.
Helikooptarri kun sababa rakkoo teeknikaatiin naannoo Galgaduud ganda Gadoonitti dhihootti akka buute yaadannoo keessoo UN Al Jazeeraan arge ni mul’isa. Qondaalli Mootummoota Gamtoomanii Moqaadishoo jirus taatee kana Roobii har’aa Aljaziiraaf mirkaneessaniiru.
Akka yaadannoo kanaatti, hojjettoota waraanaa fi kontiraaktara qaama sadaffaa dabalatee imaltoonni sagal xiyyaaricha keessa turan. Imaltoota kana keessaa yoo xiqqaate jaha al-Shababiin qabamuu isaanii gabaafameera.
”Balaaliin UN hundi hanga beeksisni biraan kennamutti naannoo sanatti yeroof addaan citee jira,” jedha yaadannoo kana irratti.
Xiyyaarri kun giddugala Somaaliyaa magaalaa Beeldweyne irraa erga ka’ee yeroo muraasa booda mudaan quunname jechuun Meejar Hasan Alii dhaabbata oduu Rooyitarsiif himaniiru.
”Namoonni Somaalee lamaa fi lammiileen biyya alaa hedduun helikooptara sana keessa turan. Meeshaalee yaalaas kan fe’atte yoo ta’u, naannoo Galguduud irraa loltoota miidhaman geejjibsiisuu qaba ture,” jedhan.
Dhimma kana irratti Mootummaa Somaalee irraa yaadni hatattamaa kenne hin jiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

