Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha fagoo Raashiyaa keessatti helikooptarri namoota 22 waliin bade

ONM-ABO Fulbaana 1, 2024

Helikooptarri namoota 22 irra turan, irra caalaan isaanii turistoota ta’an, baha fagoo Raashiyaa Kamchatka keessatti dhabamuu qondaaltonni himan.

Bulchaan Kamchatka Vilaadimir Solodov akka jedhanitti, sa’aatii 4:15 GMT irratti helikooptara Mi-8 “kan namootni 22 keessa turan – imaltoota 19 fi hojjettoota isaa sadii” waliin qunnamtii dhabuu isaanii viidiyoo Sanbata kaleessaa  Telegram irratti maxxanfameen ni agarsiisa.

Gareen baraarsaa helikooptaraan xiyyaara bade halkan keessa barbaadaa kan turan yoo ta’u, gammoojjii lagaa helikooptarri kun irra balali’uuf ture irratti xiyyeeffachuu isaanii qondaaltonni Raashiyaa himaniiru.

Mi-8 helikooptara motora lama qabuu fi bara 1960’moota keessa kan hojjetamedha. 

Maddi tajaajila balaa tasaa dhaabbata oduu mootummaa TASS’tti akka himetti, helikooptarri kun erga balali’ee booda battalumatti jechuun ni danda’ama raadara irraa kan bade yoo ta’u, hojjettoonni xiyyaarichaa rakkoo tokkollee akka hin gabaasne ibseera.

Balaan xiyyaaraa fi helikooptaroota hirmaachisu naannoo baha fagoo Raashiyaa keessatti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u, kunis baay’ina ummataa xiqqaa kan qabuu fi yeroo baay’ee haala qilleensaa hamaa kan mudatuudha.

Hagayya 2021 keessa helikooptarri Mi-8 turistoota 13 dabalatee namoota 16 of keessaa qabdu sababa mul’achuu dhabuun haroo Kamchatkaatti kufee lubbuun namoota saddeetii darbe. Baruma sana ji’a Adoolessa keessa xiyyaarri tokko kana keessa qaxxaamuruuf  osoo deemuu kufee imaltoonni 22 fi hojjettoonni xiyyaarichaa jaha, hundi isaanii du’uu Aljezeeraan gabaaseera.

Exit mobile version