ONM- ABO Amajjii 10, 2024
Bara dhufaa darbaa akeeka ittiin Oromoo balleessaan qabatanii Impaayera Itoophiyaa geggeessuuf gadi Kan ba’aan leellistootni sirna moofaa,sirna duguggaa sanyii raawwachuuf, ulaagaalee jibbisiisoo WBO bira turte,odeessa laattaaf,ni nyaachiste, Obboleessa keetu WBO dhaafi kanneen kana fakkaatan kaasuun ajjeechaa geggeessaa jiru.
Bifuma kanaanis Amajjii 7, 2024 lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Harroojjii Seerdoo Jedhamu keessatti waraanni gabroomfataa PP, ol adeemaa barataa kutaa 8ffaa kan ta’e,maqaan isaa Boonaa Gammachiis jedhamu yakka tokko osoo hin qabaatiin rasaasaan waadaanii akka ajjeesantu dubbatama.
Boonaan yeroo waraana murna faashistii PPn qabame abbaa fi haadha isaa bira akka ture kan himan jiraattotni, gareen ajjeechaaf ajaja magaalaa Innaangoo keessaa fudhachuun bobba’aan,qaama seeraaf dhiyeessuu osoo qabanii yakka hammeenyaan gara laafina tokko malee osoo ajaja mana murtittii hin fudhatan ajjeesuun gatan jechuun jiraattotni miira gaddaan gochaa irra ga’e Kan ONMtti himaniiru.

