ONM-ABO Hagayya 3, 2025
Wiixata darbe naannoo sa’a 5:30’tti waraanni aanaa Hoomaa irraa gara aanaa Laaloo Assaabiitti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromootiin bobbaafaman dargaggeessa ol-adeemaa hirmaannaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’e, maatii isaa gargaaruu qofa irratti fuulleeffatee jiraatu kan maqaan isaa Isaayyaas Tsaggaayee Ittafaa jedhamu gara jabummaan ajjeesanii deemuu jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise yaada isaa nuuf qoodeen ibseera.
Dargaggoon kunis nama ganna 17 oggaa ta’u, dhalataa ganda Waragoo Arsammaa kan ta’ee fi yeroo sanattis maatii isaa bira osoo jiruu waraanni goolessaan Bilxiginnaa kunneen dhukaasa irratti banuun bakka addaa Hagalootti bifa suukkaneessaan lubbuu isaa akka obbaasanis dubbata.
Akka jiraataan kun jedhutti Dilbata lolli waraana sirnichaa irratti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon gandicha keessatti raawwatamee turuus himuun, haaloo ba’aannaaf loltoonni sirnichaa aanaalee Hoomaa fi Laaloo Assaabii irraa bobbaafamanii ajjeechaa raawwataniin cinattis hawaasa hedduu reebicha jabaa irraan ga’anii akka turan itti dabaluun ibseera.

