Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabiitti waraana maafi’aa PP’n jiraattonni hiraarfamaa jiraachuu ONM’tti himan

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Jiraattotni godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii waraana maafi’aa PP’n ajjeefamuu fi dararaa ulfaataan irra ga’aa akka jiru ONM’f  himan. Waraanni bulchiinsa magaalaa Innaangoo irraa ba’u maatii qabsaa’otaa dabalatee namoota hundaa irratti dararaa jabeessee akka jirus dubbatu.

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Barkoo Daalattiitti waraanni PP torban darbee kaasee hacuccaa daangaa darbe taasisaa jiraachuu himuun, namoota umuriin isaanii deeme maanguddoota dabalatee, hanga daa’mmaniitti hiraarsaa jiru.

Barsiisaa Taarikuu Dabalaa, haadha isaa maanguddoo waggaa 65 akkasumas Aadde Dafiinee Bulchaa haadha ijoollee 4 irratti reebicha hamaa waraanni faashistii PP kun akka raawwatan beekameera.

Dabalataanis ol adeemaa  umuriin isaa ganna 15 Iddiluu Asaffaa kan jedhamu ammoo obboleessa keetu bosona jira, miseensa WBO’ti jechuun erga harka isaa 2’n duubatti hidhanii reebanii booda gara mooraa waraanaa magaalaa Innaangootti geessuun hidhanii jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version